Saturday, December 26, 2015

WBOn Loltoota Wayyaanee 12 Hojiin Ala Godhe

wbo20150925(SBO – MUDDE 26,2015) Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Haleellaa Fudhateen Loltoota Wayyaanee 12 Hojiin Ala Godhe. Basaasotni Diinaas Haleelaman.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Mudde 23,2015 Lixa Harargee Ona Bookee bakka Araddaa 17 jedhamutti humna federaalaa sirna wayyaanee kanneen ummatatti roorrisan haleeluun 7 irraa ajjeesee, 5 madeessuu fi qawwee AKM.4 hidhannoo waliin irraa hiikkatuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.

Gama biraan Humni Addaa WBO Godina Bahaa Mudde 22 fi 23,2015 Lixa Harargee naannoo magaalaa Cirootti basaasota wayyaanee 5 irratti tarkaanfii fudhatee jira. Tarkaanfii kanaan basaasni wayyaanee Mahaammad Abdullaahi jedhamu oggaa ajjeefamu, lama ammoo akka hamaa madeeffamaniiru. Basaasotni lama ammoo to’atnaa jala galuun hidhannoon irraa hiikkatameera.

No comments:

Post a Comment