Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG)

Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG)
(Qeerroo) – -Mudde 28, 2015 Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Yuunibarsitota kanneen akka Amboo, Wallaggaa Harammayyaa fi Maddaa walaabuutti Goototni Qeerroon Barattoota Oromoo Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG)’n utuu Wal irraa hin kutiin itti fufinsaan gaggeeffamaa Jiru daran jabeessuun itti fufan.
Waraanni Agaazii fi raayyaan ittisa biyyaa Mooraa yuunibarsiitii Amboo keessatti barattoota Oromoo irratti yakkaa suukkaneessaa fudhachaa waan jiruuf Barattootni oromoo Mooraa yuunibarsiitii Amboo gadi Lakkisuun gara maatii isaanitti socho’aa jiru, Mooraa yuunibarsiitiilee Oromiyaa kanneen akka Yuunibarsiitii wallaggaa, maddaa walaabuu fi Harammayyaa keessatti diddaan barattoota Oromoo jabaachuun itti fufee jira. Mooraa yuunibarsiitii Jimmattis yakki ulfaataan barattoota irratti fudhatamaa jira. Guyyaa har’aa kana mooraalee yuunibarsiitoota Oromiyaa kanneen akka Amboo,Wallaqqaa, Harammayyaa fi Madda Walaabuu keessatti sochiin daran jabaachuun itti fufuun Walqabatee goototni barattootni Oromoo waliin ta’uun gaaffii mirgaa waan karaa Nagaa gaafatneef Yakki waraanaa nurratti labsamee kaafamuu qaba, warranni Uummata siivilii mirga Isaaf falmatu irra qubsiifamee yakka waraanaa dalagaa jiru seeraatti dhiyaachuu qaba; Dullii hidhaa Oromiyaa keessatti Uummata Oromoo irratti banamee atattamaan kaafamee hidhamtootni ilmaan Oromoo hidhaman Oromiyaa bakka hundaa iyyuu hiikamuu qabu, Waraanaan waan Doorsifamnee fi ajjeefamaa fi hidhamaa jirruuf mirga keenyaaf falmachuu irraa duubatti hin deebinuu itti fufinsaan hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa kabajamutti ni falmanna; Mootummaa goolessituun Wayyaanee atattamaan Aangoo gadi Lakkisuu qaba.
Ergaa Mootummaan karoorri Master pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa fedhii ummataa aladha; waan ta’eef balleessa keenyaadha ni fudhanna jedhee dubbate Sababii karoora dogooggoraa fi saamichaa Oromoo irraatti aggamameen kanaan ilmaan Oromoo akeekaa dogoggoraa fi saamichaa kana mormuun didan irraan balaan ulfaataan madaa’anii qaamaa hir’achuu fi Loltuu wayyaaneetiin warreegamaniif Itti gaafatamaan Mootummaa dha. Malee uummatni Maal Balleesseetu Jumlaan hidhamaa? Maal balleessetuu Ajjeefamaa?? Mootummaa yeroo Jalqabaaf Uummata isaa bulchaa jiru irratti waraana Labsee Mootummaa EPRDF qofaa ta’uu Addunyaa irratti kallatti heddujn ibsamaa waan jirruuf mootummaan yakkamaan kun nu hin bulchu. Gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haakennamuu qaba jechuun Guyyaa har’aa Warraaqsii Xummuraa sirna Garboomsaa (FXG) gochuutti seenaan. Mootummaan Abba irree Wayyaanee Uummata karaa Nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiruu irratti loltuu isaa bobbaasuun Uummata goolaa jiraachuun ibsame.
No comments:
Post a Comment