Saturday, December 26, 2015

#OromoProtests Continue, December 25, 2015

Kaaba Shawaa aana Kuyyuu magaalaa Garba Gurraachaa fi Aanaa Warra Jaarsoo magaalaa Tulluu Milkii keessatt fincillii ka’e ture. Suuraan ergame:Tulluu milkii todayIMG_0540

Mudde 25,2015 Yuuniverstii Wallaggaa Mooraa Naqamtee Keessatti Diddaan Sirna Wayyaanee Itti Fufe

Mudde 25,2015 Naqamte

FDG itti fufuun gaaffiin uummata Oromoo deebii argachuu qaba hidhamtootii fi hogganootiin siyaasaa hidhaman daddaffiin haa gadhiifaman jechuun barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa mooraa Naqamtee sagalee isaanii dhageessifataa oolan,mootummaan Wayyaanee Itiyophiyaan waraana fi humna poolisaa mooraatti guuruun barattoota burjaajessaa oole.Qawwee dhukaasuu fi humnaan barattootatti roorrisuu irraan kan ke’e humni waraana Wayyaanee kun ammoo gaaffi haqaa barattooti qaban keessatti ukkaamsuu hin dandeenye.

No comments:

Post a Comment