Miseensota WWDO fi Dargaggoota Oromoo naannoo DMV maraaf:
Baga jal-bulti waggaa haarawa bara 2016 geessan jechaa walgahii fi mariin miseensota WWDO fi dargaggoota Oromoo naannoo Washington, DC, Maryland fi Virginia, haala yeroo ammaa Oromiyaa irratti gaafa Dilbata Amajjii 03, 2016 sa’atii 5:00w.b. irraa egalee ni geggeeffama.
Akkuma yaadatamu, WWDOn yeroo adda addaattti waamicha lammii keenya biyya keessaa irraa nuuf dhiyaataa tureen keessattuu obboleewwan keenya barattoota Oromoo fi lammii Oromoo biroo hidhaa fi reebichi mootummaa abbaa irree Itophiya irran gahaa ture kallattiin gargaaraa turuun keenya ni yaadatama.
Kanaaf, ammalle miidhaan lammii keenya irra gahaa jiru caalaatti haala sukkaneessaa taheen babal’atee kan itti fufaa jiru waan taheef nutis lammii gaafa rakkootti waamichaa fi iyya lammii keenyaaf yeroodhaan deebisuun dirqama Oromummaa waan taheef akkuma kanaan dura ittiin gargaaraa turre saniin deebii kennuu haala dandeenyu irratti waan mari’annuuf hundi keessan hiriyoota keessanis hafeertanii akka walgahii fi marii kana irratti hirmaattan waamicha lammummaa isiniif dhiyeessina!
Bakka walgahii: Waajjira Jaarmiyaa Hawaasa Oromoo, Wshington, DC
6212 3rd Street, NW Washington, DC 20011.
Tele: 202-705-6585
Guyyaa: Dilbata, Amajjii 03, 2016/Sunday, January 03, 2016.
Sa’atii: 5:00w.b./p.m.
Dargaggoon Oromoo Irree Oromiyaati!!
Koree Gidduu WWDO
No comments:
Post a Comment