Gumaachi sabboontota Artistoota Oromoo QBO keessatti baasaa jiran ifatti mullachaa fi firii argamsiisaa ka jiru yoo thau, keeysattu wallele fi hojiiwwan aartii isaan yeroo muraasaa as ummata Oromoo tiif dhiyeessaa jiran hamlee qabsoo Qeerroo Oromoo fi Fincila Diddaa Gabrummaa uummati Oromoo finiinsaa jiruuf akka galaa guddaatti fayyadaa jiraachuun isaa wal nama hin gaafachiisu.
Kanaaf, sabboontota artistoota keenya jajjabeessuu fi gara hojii ol-aanaa kan akka weellistoota Afriikaa Kibbaa duraanii sirna Cunqursaa fi Apartid kuffisuu keeysatti qooda guddaa qabaataa turani akka Miriam Makeba, Charles Neblett (Founding Member of Freedom Singers), akkasumas Simon Ivascu, (Freedom Singers), fi Mavis Staples (We’ll Never Turn Back) akka hojjetanii sagalee iyyaa fi haqa ummata isaanii addunyaaf muli’san bira dhaabbachuun baayyee barbaachisaadha!
(
No comments:
Post a Comment