Saturday, May 17, 2014

Waamicha Qeerroo: Hawaasa Oromoo Magaalaa Melbourne fi Naannawa Melbourne Jiraattan Maraaf


QEERROO
QEERROO
Waamichaa fi dhaammata Qeerroon bilisummaa Oromoo Oromiyaa irraa waggaa lama dura nu hawaasa Oromoo biyya alaa jiraannutti ergee tureef kanneen deebii lammiif deebi’uu qabu deebisuun tumsaa turtan maraan Gurmuun Tums Qeerroo Bilisummaa galatoomaa jedha. Sochiin Qeerroo bilisummaa Oromoo sadarkaa dhoksuun hin danda’amne irra yommuu gahe kanatti wareegama haalaan ulfaataa ta’een qabsoo gaggeeffamaa jiru sadarkaa itti aanutti tarkaanfachiisuu keessatti attamiin gahee keenya bahachuu akka dandeenyu irratti mar’achuuf waltajjii marii bal’aa qopheesseera.
Marii kana irraa hirmaachuun Qeerroo Oromoo (dhaloota qubee) wareegama qaqqaaliin qabsoo finiinsaa jiruuf abdii ta’uu keessan hubattanii yaadaa fi tumsa qabdan hundaan maatii fi hiriyoottan keessan waliin akka hirmaattan kabajaa Oromummaan waamamtaniittu.

Guyyaa:- 18– 05– 2014 (Sunday)
Sa’a:- 2:00WB – 6:00WB
Teessoon:- 231-251 Mount Alexander Road, Ascot Vale VIC-3032
Email:- tumsaqeerroo@gmail.com
Qabsoon Itti Fufa! Gabroomfataan Ni Kufa!
Gurmuu Tumsa Qeerroo Bilisummaa

No comments:

Post a Comment