(Oromedia, Finfinnee, 24 Caamsaa 2014) Hiriirri mormii aarii fi dheekkamsaan guutame imaammata mootummaa Itoophiyaa mormuun guyyaa har’aa magaalaa Finfinnee keessatti gaggeeffame.
Hiriira mormii ummati kuma kudhanii ol irratti hirmaate kana irratti imaammata mootummaa Itoophiyaa kan lafa saamicha irratti hundaa’e, kan qoodinsaa fi abbaa irrummaan masakamaa jiru kan balaaleffatu dhaadannooleen addaaddaa dhaggeessifamaa oolaniiru.
Mormiin handhuura Oromiyaa Finfinnetti paartiin Madrak ilmaan Oromoo wajjiin ta’uun guyyaa Sanbata hardhaa gaggeesse bifa milkaa’aa ta’een Xumurame.
Gabaasaan Oromedia Finfinnee irraa akka gabaasetti, mootummaan hiriirichi akka hin milkoofneef xaxaa fi shira hedduu tolchaa turu illee mormitooti kutannoo fi jabinaan akka hiriirichi milkaa’uu fi nagana xumuramu godhanii jiru.
Ka’umsa isaa 4kiiloo irraa karaa magganaanyaa imaluun karaa dildila Adwaatiin taasisuun Signal qaxxaamuree balaaleffannaa isaa bifa milkaa’aa ta’een ibsachaa oole.
Mormii kanarratti Poolisoonni hedduun hirmaattota mormiif bahanii gadi hin taane karaa irratti argamanis dhaadannooleen ejjannoo fi murannoo isanaii mul’isu armaan gadii afaan Oromoo, afaan Ingiliffaatii fi afaan amaariffaatiin dhageessifamaa oolaniiru.
- Lafti kan qotee bulaati!
- Oromoon Oromiyaa hin gurguru!
- Sabbataan, lagaxaafo,Sulultaan gafarsaan,laga daadhiin kan oromooti!
- Hidhamtootni haa hiikkaman!
- Nutis hidhamnee jirra!
- Nuti Shororkeessitoota miti!
- Shororkeeffamnee jirra!
- Haqa barbaanna!
- Ajjeechaan haa dhaabbatu!
Hiriirtota keessaa tokko gabaasa akeenyatti akak himetti, mootummaan namoota deeggarsaaf bahan karaa irra dhaabuu fi doorsisuu bira darbee, akka siaan yeroon hin geenye danqaa itti ta’aa oole.
Gabaasaan keenya akka ijaan argetti, humnooti tikaa barattootaa fi namoota gara hiriirichaa deeman dhaabanii yeroo sakata’anii fi hiriira irraa turasan mul’ataniiru.
Hiriira kana irratti hoogganaan dhaaba siyaasaa Madrak Dr Maraaraa Guddinaa hin argamne. Akka qindeessaa keessaa namni tokko gabaasaa keenyaaf ibsanitti, Dr Mararaan waan biyya kana hin jirreef, itti aanaa ta’anii dhaaba kana kan hoogganaa jiran Obbo Bulchaa Dammaqsaa ummata hiriiricha baheef haasawa taasisanii jiran.
Obbo Bulchaa Dammaqsaa haasawaa isanaii keessatti imaammata mootummaa Itoophiyaa kan ummata Oromoo miidhuu fi dararu mormanii, nageenya biyyaaf furmaata siyaasaa barbaaduun akka mootummaa irraa eegamu dubbatanii jiru.
Yeroo Ob Bulchaan haasawa isaanii xumuran, uummatni iddoo sanatti argamu hundi jaalala isaaniif qaban marti isaan waliin Suuraa ka’aa turan.
Itti aansees hooggantootnii fi qindeessitootni haasawaa walfakkataa taasisuun Uummataafis galata galchanii jiru.
Haata’uutii, hiriirtoti hamlee guuddaa fi xiiqiidhaan akka hiriirichi hin gufanne kan godhan yoo ta’u, sagalee isaanii karaa nagaa dhageessisuun ejjannoo jabaa fi deeggarsa guddaa gaaffii mirgaa barattoti Oromoo kaasaniif qaban mul’isanii jiru.
















No comments:
Post a Comment