Friday, May 2, 2014

Hawaasa Oromoo Netherlands: Waamicha Hiriira Mormii

logo_holland

Caamsa 2, 2014
Ajjeechaa bartootta Oromoo’rra ga’aa jiru, akkasumas seeraan ala magaalaa Finfinnee babaldhisuuf gocha Mootummaan Itoopiyaa raawwachaa jiru mormuu dhaan magaalaa Den Haag, Netherlands keessatti hirirri mormii ni gaggeeffama. Namoonni biyya Netherlands keessa jiraattan hiriira kana’rra tti akka argamtan kabajaa Oromummaan waamicha keenya isiniif dabarsineerra.
Guyyaa fi teessoon hiriirri itti gaggeeffamu,
Guyyaa Hiriiraa:- Jimaata Caamsaa 9 (Fridag Mei 9-05 2014)
Magaalaa :- Den haag
Teessoo:- Plein 2, 2511 CR Den Haag (Parlama Nederland)
Sa’a:- 12.00n eegalee 14.00n xumuurama

Bifuma wal-fakkaatuun Hawaasinni Oromoo biyya adda addaa keessa jiraatu martinuu guyyaa fi haala isiniif mijate tti hiriira mormii wal-fakkaataa akka gaggeessitan kabajaa Oromummaa tiin isini tti dhaammanna.
Tokkummaan Umna!

Koree Hojii Raawwachiiftuu
Hawaasa Oromoo Netherlands

No comments:

Post a Comment