Thursday, March 10, 2016

#OromoProtests – March 9, 2016 (Update 2)

#‎OromoProtests‬ barattoonni yunivarsitii Finfinnee dheengadda gaaga’ama ( risk) jiru osoo beektanii fuuldura embassy Ameerikaatti hiriira baatan injifannoo ajaa’ibaa galmeessitan. Akka karooraatti bakka yaaddan san gahuu isin jalaa gufachiisanis yeroma gabaabaa san keessatti akeeka keessan galmaan geessanii jirtu. Hamma ammaatti akkan ani lakkaayetti miidiyaalee addunyaa 37 oltu wal harkaa fuudhee gabaase. Kuni waan laafaa miti. Injifannoo cululuqaa yeroo murteessaa keessati galmaa’eedha. Dogongoroota xixiqqoo ( tactical errors) turan irratti mari’adhaatii kana caalaa waan gurguddaa hojjachuu akka dandeessan shakkiin hin jiru. Isiniin boonne!!


Baratonni Yunivarsitii Finfinnee Nagaan Hiriiruun Keenya Hiika Dhabee Deebii Humnaatu Nu Mudate Jedhan

Jaallannee Gammadaa
09.03.2016 22:04
Hiriira Mormii Oromiyaa
Hiriira Mormii Oromiyaa
WASHINGTON, DC (VOA Afaan Oromoo) — Yunivarsitii Finfinnee mooraa adda addaa irraa baratonni Oromoo walitti dhufan Bitooteessa 8 bara 2016 Embaasii Yunaaytid Isteets Finfinnee jiru duratti hiriruun “ Nuti Shorooressoota Miti, Uummata Oromoo Ajjesuun Haa Dhaabatu” jechuun iyyachuu isaanii maddeen oduu adda addaa gabaasanii turan. Yunaaytid Isteetes Itiyoophiyaaf gargaarsa guddaa kan laattu ta’uun ni yaadatama.
Mormii Maastar Plaanii Finfinnee fi naannoo isheef ba’e ittiin ka’uumsa godhachuun mormii Oromiyaa baatilee sadii ol lakkoofsise kessaatti namoota lubbuun isaanii darbee fi darbaa jiru kan ilaaleen mormii kana gaggeessuu isaanii barattonni Raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Hiriira barattoota Oromoo Yunivarsitii Finfinnee gaggeessan kana addaan facaasuuf tarkaanfii fudhatameen barattonni mada’an, caccaban akka jiran akkasumas lakkoofsi barattoota hiriira kana irraa qabamanii hidhaman shantama akka caalu, kaan hanga tokko maqaa isaanii harkaa akka qaban dubbatu. Nagaan hiriirru keenya agarsisuuf Huccuu Aadii qabanne kan bane ta’us tarkaanfiin hidhattootaan nu irratti fudhatame hamaa ture jedhu barattonni kun.
Barattonni Oromoo hangi tokko bakka itti hidhamanii jiru jedhame mooraa polisii Gullalleetti bilbillee deebii argachuu hin dandeenye. Garu dhaabatti oduu Rooytars kaleessa hiriira barattoota Yunivarsitii kanaaf deebii argachuuf aangawoota mootummaa gaafatee kun waan deebiin isa barbaachisu miti jedhamuun isaa gabaafamee jira.

‪#‎OromoProtests‬-(09.03.2016, ‪#‎EndSlavery‬, Oromia) Mormii fi diddaan Oromoo Godina Iluu Abbaa Boortti magaalaa (Nophaa) keessatti gaggeeffamaa jira. Barattooti Oromoo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa hireen murteeffannaa Oromoo akka kabajamu gaafachuuf yeroo hiriira bahan, humna waraana wayyaanee immoo barattoota hedduu reebaa fi daraaraa jira. Magaalaa fi araddaa illee keessa agaaziin bobbaafamtus, ummati diddaa isa itti fufee jira.
illubabor



‪#‎OromoProtests‬ there has been no electricity in all of Jimma province for the last 4 days.
============
Guyyaa afran dabraniif Jimma keessa elektrikin hin jiru

‪#‎OromoProtests‬-(09.03.2016, ‪#‎EndSlavery‬, Oromia)”As protests in Ethiopia over the rights of the country’s Oromo people continue, Addis Ababa-based journalist James Jeffrey considers if they are threatening the country’s unity.
The latest round of bloody protests over Oromo rights had a tragically surreal beginning.
A bus filled with a wedding party taking the bride to the groom’s home was stopped at a routine checkpoint on 12 February near the southern Ethiopian town of Shashamane.
Local police told revellers to turn off the nationalistic Oromo music playing. They refused and the bus drove off.
The situation then rapidly escalated and reports indicate at least one person died and three others were injured after police fired shots.
The exact details of the incident are hard to verify, but what is clear is that days of protest followed, including armed local militia clashing with federal police, leaving seven policemen dead, the government says.”

Bitootessa 9/2016 Godina Horroo Guduruu wallaggaatti Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa ‪#‎FXG‬’n daran jabaachuun itti fufee jira.guyyaa har’aa aanota akka ‪#‎Jaartee‬,Magaalaa ‪#‎Aliiboo‬ ‪#‎Jimmaa‬ Gannatii ‪#‎Suluula‬ Finca’aa keessatti warraaqsii haalaan Jabaachuun itti fufee, ‪#‎Sululaa‬ Finca’aa keessatti Waraanni wayyaanee dhukaasaa wal irraa hin citne banuun uummata goolaa jira, Goototni barattootni Oromoo dhaadannoo jabaa, mirgi abbaa Biyyummaa Uummata oromoo kabajamuu qaba!!
Nuti Bulchiinsa Ergamtuu Diinaa wayyaane OPDO hin fudhannu
Waraanni Mooraa barnootaa fi biyya keenya gadhiisuu qaba!!
Nuti Bilisummaa fi dimookiraasii dhabne jechuun warraaqsaa finiinsuun Barnoota dhaabuun Barnootni Bilisummaa Boodaa waraanaaf barachuus hin dabdeenyuu, Mooraan barnoota bakka itti ajjeefamnu ta’ee jira jechuun gara Maatiitti deebi’an.
-Yeroo amma kanba daandiin konkolaataaf bakkoota hedduutti cufamee jira
horroo

Guyyaa har,aa bitootessa 09,2016 ganama kana humni kora bitinneessaa jedhamu guutummaan guutuutti Yuunversiitii Wallaggaa fi naannoo ishee weeraree jira.
Humni kora bitinneessaa jedhamu kunis halkan edaa sababii ijoolleen doormii gadi lakkisanii gara magaalaatti imaluu jalqaban baratoonni heedduun immoo mooraamatti hafuun fincila daran finiinsuun mootummaa gabroonfataa wayyaanee boqonnaa dhorkaa bulanii jiru.Baratoonni mooriicha keessa jiranis kalleessa ganama irraa ka’uunishanga har,aa kanatti hunduu nyaata lagachuun diddaa isaanii agarsiisaa jiru. Yeroo ammaa kanas sababii isin humna degersaa yookiinimmoo ABO tu naannoo kana jira jechuurraan kan ka,e humni kora bittinneessaa akkasumas makalaakiyyaa warri jedhamanis heedduminaan mooraa yuunversiitichaa keessaa fi ala isaa guutummaan guutuutti dhuunfatanii jiru.Haaluma kanaan baratootaanis guyyaa har,aa kana ganama irraa ka,uun olseenuu malee gadi ba,uun hin danda,amu jechuun baratoota nagaa dhorkaa jiraachuun maddeen keenya ifa godhu.gabaasa qeerroo

No comments:

Post a Comment