Monday, March 21, 2016

#OromoProtests – March 21, 2016


‪#‎BilisummaaOromoo‬-(21.03.2016, ‪#‎DiddaaOromoo‬, Oromiyaa) Humni hin beekamne Bitootessa 19 Bara 2016 halkan Sanddaaffaati kan argamu mooraa Kooleejii Poolisii Itoophiyaa irratti tarkaanfii fudhate. Tarkaanfii kanaan loltootin hedduun kan miidhaman ta’un beekaame. Tarkaanfii fudhatame kanatti kan rifate mootummaan wayyaanee Bitootessa 20/2016 ganama ummata nagaa karaa adeemu sakkataan goolaa jiraachuu beekameera.
policestation


#‎Oromoprotests‬ Bitootessa 20, 2016
Universitii Haroomaayaatti kaleessa galgala poolisoonni federaalaa galgala keessaa 2.30 – 3:00’tti sababuma malee barattoota nageyaan mooraa keessa deemu mara qabanii tumaa turan. Kaaniis immoo mana hidhaatti guura akka bulani oduun mooraa universiticha irraa nu geesse ni adeessiti.


Dhaamsa kana share godhaa akka gootota university walayittaatti OPDO haa salphisani ammas barattoonni university Dabra biraanisShare gochuun isinitti hin ulfaatin DHAAMSA YUUNIVARSIITI DABRA BIRAAN IRRAA:-Akkuma beekamu yeroo ammaan kana ummaanni keenya FXGirraa jira haata’u malee ergamtuu WAYYAANEE kan taate OPDO’n Kabaja dhaaba jechuun gaafa guyyaa 18/07/2008 barattoota yuunivarsitii waliin kabajuuf waan jirtuuf:-1, Baasaastota opdo irraatti tarkaanfiin akka fudhatamu2,Barattoonni daalla kana keessatti barattan mormii cimaa akka dhageessistan3,yoo opdo’n kabaja kana hin dhiisne ta’ee guyyaa murasa keessatti finxilli gama barattootaatin akka itti fufu.4.Barattoonni Yuunivarsitio garaa garaa keessa jirtan hojii opdo ‘n hojjachuuf deemtu kana akka fashaleessitan kabajaan isin gaafanna.Oromiyaan ni bilisoomti!!! Dhaamsa Barattoota yuunivarsiitii Dabra Biraan faanaa hundi keenyaa haa dhaabbannu !!!!!!!!!

No comments:

Post a Comment