SBO/VOL – Bitootessa 04,2016) Warraaqsa ummata Oromoo FXG sirna cunqursaa fi gabroomsaa wayyaanee hundeen raasee gatuuf jiru dhaamsuuf Oromiyaa guutuutti bulchiinsa waraanaa kan Jeneraal.Saamooraa Yuunus ajajaa waraanaa biyyattiin durfamu jala galchaniyyuu warraaqsichi caalaatti tooftaalee qabsoo gara garaa horatee fi hammatee belbelaa jira.
Oduun amma keessa wayyaaneetii bahe akka mul’isutti Jeneral.Samooraan jeneraalota waraanaa walitti qabee dubbii dhageessiseefiin warraaqsa/FXG kana yeroo gabaabaa keessatti hin dhaamsinu taanaan, empaayerattiif osoo hin taane, nu mataa keenyaafuu sodaachisaa dha jechuun dubbachuun isaa barameera.
Oduun amma keessa wayyaaneetii bahe akka mul’isutti Jeneral.Samooraan jeneraalota waraanaa walitti qabee dubbii dhageessiseefiin warraaqsa/FXG kana yeroo gabaabaa keessatti hin dhaamsinu taanaan, empaayerattiif osoo hin taane, nu mataa keenyaafuu sodaachisaa dha jechuun dubbachuun isaa barameera.
አለም አቀፍ የዜና ማሰራጫዎች ምነው ይህን ቱባ ዜና ዝም አሉ::ሕዝብ በሃሰት ፕሮፓጋንዳ ተሰላችቷል::
#Ethiopia #Eritrea #TPLFHoax #EPRDF #MinilikSalsawi #Change
Minilik Salsawi (ምንሊክ ሳልሳዊ) – ወያኔ የገባበትን አጣብቂኝ እና የሕዝብ ተቃውሞ መወጣት ሲያቅተው አቅጣጫ ማስቀየሪያ ዘገባ በፈጠራ ኤርትራን ደበደብኩ ሲል የለመደውን የሃሰት ፕሮፓጋንዳ መንዛት ጀምሯል::ከዚህ ቀደም የወርቅ ማእድን ማውጫውን ድባቅ መታሁ ሲል ተጋልጦ ሊያድበሰብስ ማለመቻሉ ምንተእፍረቱን ዝም አለ::ቀጣይነት ያላቸው ውሸቶች እና የሃሰት ፕሮፓጋንዳዎች ቢደሰኩር ሰሚ ባለማግኘቱ ሲያቅራራ እና ሲፎክር እዚህ ደርሷል::በሰለጠነ ዘመን በቴክኖሎጂ የታገዙት አለም አቀፍ ታዋቂ የመገናኛ ብዙሃን እንዲህ አይነቱን ዘገባ ደበደበ የተባለው አየር ተመልሶ ሳያርፍ ነበር በሰበር ዜና የሚያራግቡት…ወያኔ ያላስተዋለው ነገር ቢኖር ሕዝብ ከአገዛዙ በላይ አገዛዙ ራሱን በባዶ እንደሚያንቆለጳጵስ በደንብ ጠንቅቆ ያውቃል::የኢትዮጵያን ሕዝብ ሳይሆን ራሳቸውን እየሸወዱ ነው::
ወያኔ ዛሬ ወፍ ዝር ባላለበት ኤርትራ ጀግናው አየር ኃይላችን ምፅዋ ሒርጊጎ ተብሎ በሚጠራው ቦታ የሻዕቢያ ወታደራዊ ቤዝ የግንቦት7 እና የደምሒት ማሰልጠኛ ማዕከል እና የኤርትራ ኤሌክትሪክ ግሪድ ማዕከል ላይ በወሰደው የአየር ድብደባ ጥቃት የሻዕቢያ የሸብር ማከፋፍያ ማዕከሎችን አወደመ ::ሲል የለመደውን ቅጥፈት ደስኩሯል::ይህን የመሰለ ቱባ ዜና እንደ ቢቢሲ እና ሲኤንኤን የመሳሰሉ የዜና አውታሮች እንዴት በቸልታ አለፉት::ያልሆነ ያልተከሰተ ጉዳይ ስለሆነ ወፍ ዝር ባላለበት ሚጎቼ አወደሙ ቢል የሚሰማው የለም::ላም ባልዋለበት ኩበት ለቀማ ማለት ይህ ነው::ባልተደረገ ተግባር ላይ ማቅራራት ወያኔ ምን ያህል ባዶ እንደሆነ ያመለክታል::ኧረ እየተስተዋለ ውሸትም እኮ አይነት አለው::ወያኔ ራሱን እንዴት እንደሚገምት አላውቅም::ሕዝቡ ከወያኔ የሃሰት ፕሮፓጋንድ ቀድሞ እንደሄደ አያውቁም :: ኧረ እየተስተዋለ !!!
#OromoProtests
Mormii Konkolaachiftoni godhan akkuma itti fufetti jira , Guutu oromiyaa akkasum Naannoolle Ethiopia keysaa jiran akkuma jiruutti hirdhiini konkolaatta muldhachu irraa kan ka’e ummani rakkoo jabdu keysaa gallee jira , Wayyaanes Waa jala gahani qabsoo jabessa karuma hundan

#BilisummaaOromo-(04.03.2016, #DiddaaOromoo, Oromiyaa) Lukkeen Wayyaanee, OPDOn Oromoota hiisisuu itti fuftee jirti. Kessattuu, Abdisaa kan jedhamu itti gafatamaan w/nageenyaa aanaa Qondaalaa Oromoota sabboontota ta’an hidhuun rakkisaa jira. Namooat torbee darbe Wallaggaa Lixaa, Aanaa Qondaala (Gabaa Dafino)tti hidhaman keessaa tokko SIRAAJ ELIYAAS ONCHO dha. Kan qabame gaafa Guraandhala 25 bara 2016 ti.
Siraaj erga qabamee kaasee cancalaan hidhamee jira; mana hidhaa keessatti miidhaa guddaa irra gahaa jira;eega qabame kaasee hanga har’atti sansalataan hidhame qaama isa akka itti dhiqatulle hin qabu.
Dargagoti lakkofsan hedduu ta’anis isa waliin hidhamnii yeroo ammaa humna waraanatin hiraarfamaa jiru.
Hubachiisa: Mobile Siraaji warra tikaa harka galee waan jiuruuf hiriyyoti isaa akka hin bilbille; yookaan akka qunnamtii tokko illee hin goone haa ta’u! Ofeeggannoo kana walifi dabarsaa!

#BilisummaaOromoo-(04.03.2016, #DiddaaOromoo, Oromiyaa) Kun Hubachiisa hatattamaa ti. Wayyaaneen yeroo ammaa kana bakka hedduutti namoota Ukkaamsitee hedhuuf saganteeffattee jirti. Namooti yeroo qabamanis akka gara Maa’ikalaawwiitti geeffaman ajajni kennamee jira. Keessayyuu, Oromiyaa Lixaa irraa namoota hedduu- hojjattoota mootummaa, daldaltoota, barsiisotaa fi qonnaan bultoota kanaan hunda akka faallaa OPDOtti beekaman- hidhuuf saganteeffatanii jiru. Namooti kana dura hidhamanii wabiidhaan bahanis warra irratti xiyyeeffatamee dha.
Ummatni haala kana hubatee qophii barbaachisaa ykn ofeeggannoo akka godhu Qeerroon Lixaa dhaameera!
Waan bayyee tokkoo Nama dhibu. Magalaa Adama keessa bishaa dhabamun uummatani rakkoo bada keessaa jiraa. Bishaan jarikan tokkoo birr 1fi sani ol ta’aa.
Bishaan argachuu kan dandayan garii fardati qarqaramu.
Gatin garrii farda bishaan jarikan 8 birr 40n namaf fida.
Bishaan kan argatan ganda 11 fi10 irraayi.
Ganda 03 fi nannoo bolo kan jedhaman rakkoo bayyee qabu.
Motummaan wayyaane biyyaan gurguruun ilee hin barbaachisu jechuun namoonni gurguruu soddatan jiruu.
Yaa ilmaan Oromoo maal jetuu?
#OromoProtests
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gawoo Qeebbee Ganda Sichaawoo Warrabaabboo jedhamutti sababa barattooti mana barumsaa Leeqaa Kaarraa dheengadda hiriira bahaniif Agaaziin uummata reebee ajjeesaa jira. Haadha manaa obbo Shoogalee Tarfaa Tamiimaa kan jedhamtu akkasumas aadde Aashaa Ganamoo hawwan jedhaman reebicha hamaa irra gaheen du’aaf jireenya gidduu kan jiran dhiiga balaqqamaa jiru amma Sichaawoo irraa. Akkasumas Limixi bakka jedhamu sichaawoo irraa adeemsa sa’a lamaa kan fagaatu ganda qubattootaatti namni maqaan isaa Biraanee Kabbadaa jedhamu Agaaziin reebuuf yoo itti kaatu akka aadaa naannootti uleedhaan hanga humna isaa faccisee ofirraa ittisuun hamma tokko turus itti baaya’atanii reebicha guddaa waan irraan gahaniif lubbuun bahuuf jetti.”
FXG – Bitootessa 4, 2016 Kamiseeti (Walloo), konkolachiftooni taaksin hojii dhaabaan. Taxi drivers strike in Kamise (Walloo)

FXG biffa jabaa taheen Bitootessa 4, 2016 yuunversiitii wallaggaa kessatti dhohee jiran keessatti akkasumas magaalaan akkasumas magaalaan naqamteess raafamaa jirti humni federaalaas yuunversiitii wallaggaa dhuunfatee ijoollee caccabsaa jira. shufeerotaafi uummanni magaalaa naqamtees waliin ta’uun karaa naqamtee irraa gara finffinnee deemu guutummaatti naannoo hora hadiyyaa jedhamutti cufaniiru. Yeroo ammaa kanas makiinonni tokkoyyuu karaarra deemaa hin jiran.Baratoonnis gara uummataatti baqachaa jiru.
#OromoProtests Wanna nama Ajaa’iban sadii ani sa’a tokko giddutti arge.
Dhugaadha oolmaan uummata magaala Naqamtee harraa nama ajaa’iba.”


#OromoProtests-(04.03.2016, #BlockingPhones, Oromiyaa) The terrified regime is making every thing possible to mute the sound of #OromoProtest! Staring from 02/03/2016 to today (04/03/2016) they are blocking phone and internet services at Eastern Oromia particularly at Harar and Haramaya. It is kind of try and error methods! The killers and robbers will not last long!
The struggle continues!
====================================
#BilisummaaOromo-(04.03.2016, #DiddaaOromoo, Oromiyaa) Wayyaaneen diddaa fi mormiin Oromoo ukkaamsuuf waan dandeesse mara gochaa jirti. Oromiyaa bahaa keessatti guyyoota lamaan darban internet hin hojjatu; bilbilli hin hojjatu. Nama hidhuu fi ajjeessuun immoo akka malee jabaatee itti fufeera. Qabsoon itti fufa!
#BilisummaaOromo-(04.03.2016, #DiddaaShawaaBahaa, Oromiyaa) Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa keessatti ummanni tarkaanfii Bitootessa 2 bara 2016 fudhateen qabeenya abbootii qabeenyaa wayyaanee barbadeessan. Oomisha oyiruurra jiru dabalatee meeshaa qonnaa fi mootora bishaan harkisu heddu barbadeessan.
#BilisummaaOromo-(03.03.2016, #GaaffiiOromoo, Oromiyaa) Diddaa fi moromiin Oromoo godina Booranaa, aanaa Yaabelloo, Magaala yaaballoo keesstti itti fufee jira; diddaan Oromoo kun qabsoo Qeerrootiin kan dhuunfatamtee dha, gabaan beeylada fi shaqaxaa cufameera, bake international livestock market hanga cufamee Hin banamne, gabaa kanatti yoo xiqqaate Wayyaaneen gaala 2000,loon 4000,re’ee hanga 10000 torbaaniin ummata irraa kara dillaala ishee kan saamtu amma jalaa hidhameera
Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaalee Adda Addaa Keessatti Ummnni Gamtaan Ka’ee Loltoota Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jira,Wareegamnis Irra Gaheera.
Bitootessa 3,2016, Godina kibba lixa Shaggar Aanaa Iluu gaafa guyyaa 2/3/16 galgala dargaggoo magaalaa Asgorii irraa qabuuf erga deemanii uummanni yaa’ee waliin nu fixxu malee fuutanii hin deemtan jechuun gachisiisanii magaalaa irraa baasanii ari’atan,guyyaa kalee garuu humna agaazii guddaa nannaa sanatti baasuun namoonni 40 ta’an ukkamsamaniiru
Kana malees Aanaa Tolee keessatti wayyaaneen waan qabduuf gadi dhiiftuu dhabdee ammaa immoo guyyaa kudhaniif gandarraa nama shan poolisiin oromiyaafi agaaziin sababa adda addaan socho’uu waan danda’aniif bakka buutanii hojjettu jedhanii leenjisu irratti argamu hidhattoota gandaan Charuu Nadhaa kan jedhamu March 2,2016 galgala rasaasaan qe’ee dhuma isaati rukutanii ammaa du’aa fi jireenya gidduu hospital Tululuboolloo irraa Waliso ti dabarfame jira. Charun kan rukutame bakka dhaloota isaa Aanaa Bachoo ganda Awash Bunee jedhamu keessatti yoo ta’uu inni hojjata Mootummaa aanaa wanchii ti hojjata.
Hiriira FXG Aanaa yaaballoo
Bitootessa 03,2016 Magaala yaaballoo qabsoo qeerrootiin dhuunfatamtee oolte, gabaan beeylada fi shaqaxaa cufameera, bake international livestock market hanga cufamee Hin banamne, gabaa kanatti yoo xiqqaate Wayyaaneen gaala 2000,loon 4000,re’ee hanga 10000 torbaaniin ummata irraa kara dillaala ishee kan saamtu amma jalaa hidhameera

No comments:
Post a Comment