Saturday, February 6, 2016

Ummati Oromoo Gujii Tokkummaan Ka’uun Barattoota Oromoo 8 Hidhaa Wayyaanee Keessa Turan Baafatan.

Gujii, Oromiyaa | Gurraandhala 05, 2016
Ummati Oromoo Gujii gootummaa isaaniitiin barattoota saddeet mana hidhaatii baafatan. Ummati gamtaan bahuun pooilisoota ariyatee barattoota 8 hidhaa keessaa baasee fudhatee galeera. Diddaa fi mormii seena qabeessa kanaan humna wayyaanee raasaa jiran.Bullee Horaa

Humni dabalataa Hawaasaa irraa gara sanatti ergamaa jira. Ummati karaa cufee akka of eegatu dhaamsi darbee jira.
Akkasumas humni warraanaa biraa kaampii 147 naannoo magaalaa Meeggaa Dubluq jirurraa gara Bulee Horaa kaatee jirti waan ta’eef uummati akka of eeggatu dhaamsi darbee jira,
Kana malees, yeroo ammaa naannoon Daawwaa, Ejersaa Gooroo, Bulchiinsi magaalaa Haya Diimaa fi gandi Booree Obbitti humnaa waraanaatiin dhunfatamtee jirti.
FXG Bulee Horaa - 2.5.16

No comments:

Post a Comment