(SBO – GURRAANDHALA 11,2016) Godinoota Lixaa fi Kibba Lixa Shawaa keessatti dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu keessaa harka kan qabu basaasni wayyaanee Gurraandhala 06,2016 ajjeefame.
Oduun SBO dhaqqabe akka ifa godhutti FXG Godinoota Lixaa fi Kibba Lixa Shawaatti deemaa jiru keessatti ilmaan Oromoo hedduun akka ajjeefamanii fi hidhaman kan godhe basaasni wayyaanee Shewangizawu Abebe jedhamu Gurraandhala 06,2016 naannoo Mojootti tarkaanfii Humni Addaa irratti fudhateen ajjeefameera.
Humni Addaa tarkaanfii kana fudhate basaasa diinaa kana yeroo dheeraaf hordofaa akka turee fi xumura irratti naannoo Mojootti du’aan akka adabe beekuun danda’ameera.
No comments:
Post a Comment