Tuesday, January 12, 2016

Dhaamsa Galataa Jaarmaa Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa Irraa – Waldaa Dubartoota Oromoo UK tiif



qeerroo
Amajjii 11, 2016
Haa ga’u dhaamsi keenya, jaallan qabsoo bilisummaa, miseensota waldaa dubartoota Oromoo biyya UK fi ilmaan Oromoo biyya keessan keessa bilisummaadhaan jiraachuu dadhabdanii biyya ormaa jiraattan hunda. Oduu hiriira nagaa gaafa Amajji 5, 2016 biyya UK-tti geggeessitanii fi Amajji 5 hanga Amajjii 7, 2016tti qorra gannaa (winter) nama goggogsu keessa buluudhaan nu ilmaan keessan rasaasa mootummaa fashistii Wayyaanee dura dhaabannee mirga Oromummaa fi Oromiyaaf jecha falmaa hadhaawaa geggeessaa jirru faana dhaabbachuu keessan yammuu dhageenyu gammachuun nutti dhagamee fi haamlee fi jajjabinni qabsaawota Oromoo Oromiyaa keessaatti dhagahame tilmaamamee hin dhufumu.

Hangamuu dararaan nutti baay’atu, hangamuu nutti roorrifamu, yammuu lammiin keenya biyya ambaa akkasitti kutatee wareegama fedhe kafalee murannoodhaan nu faana dhaabatee falmuu isaa yammuu dhageenyu gammachuu keenya dachaa taasisa. Karaa biraatiin, nu warri biyya dictaatarummaan keessatti dagaage akka empaayera Itoophiyaa keessa jiraannu, akka keesanitti balbala Muummicha Ministeeraa taa’aa buluun hafnaan, mana barnootaa keenya keessallee teenyee sa’atii tokkoof gaaffii mirgaa kaasuun ykn dhageessisuun, yookiin mallattoo mormii bifa kamiinuu muli’suun kan wareegama lubbuu nu gaafatu ta’uu yammuu yaadannu, gadda kana hin jedhamneen guutamna.
Jaallan lammii keenya biyya ambaa jiraattan,
Nu ilmaan keessan manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa irraa hanga dhaabbata ol’aanaa keessa jirru jiruuf jireenyi nutti hadhaawee jira. Biyyuma abbaa keenyaa irratti alagaa biyya keenya weeraree qabateen dararamaa jirra. Nagaadhaan manaa baanee galuun hafnaan, manuma keenya keessa jiraachuu hin dandeenye. Kana caalaatti kan nagaa nu dhowwaa jiru ammoo biyyi keenya gurguramaa waan jirtuuf qalbii ittiin teenyee barannu dhabne. Biyya hin qabnu taanaan barachuunis hiikaa nuuf dhabe. Biyya baratanii hojii argachuudhaaf ergamaa diinaa ta’anii, sammuu ofii fi saba ofii gurguruun dirqama namatti ta’etti barachuun gatii maalii qaba? Kanaaf jennee, diina hanga funyaaniitti hidhate dura dhaabbannee falamachuudhaaf murteeffanne.
Ummatni keenyas kaabaa kibbaa, bahaa dhihaa nu faana ka’ee warraaqsa finiinse. Akkuma warraaqsi keenya finiineen, diinnis rifaatuu guddaa keessa waan seeneef roorroo dhala namaa irratti hin raawwatamne nurratti dalagaa jira. Dubartiin ulfa ajjeessee qileetti darbeera. Haadha ilmooshee oolchuuf wawwaattu gara jabinaan ajjeesseera. Mucaa waggaa ja’a, jaarsa waggaa torbaatamaa utuu hin hafiin guyyaa saafaa rasaasaan akaayeera. Barattoota kumoota dhibbaan lakaa’aman mana hidhaatti guuree dararaa jira. Kumoota dhibbaan kanneen lakkaa’aman baqatanii akka bineensaa adamsamaa jiru. Walumaa galatti gochaa duguugunsa sanyii (genocide) wal gitu tu nu ilmaan Oromoorratti raawwatamaa jira. Egaa haala akkasii keessatti hiikaan jireenyaa nutti hin mul’atu. Kanaafuu, hangi dhumne dhumnee kanneen hafne bilisummaa saba keenyaa argamsiisuuf kutanneerra.
Falmaa hadhaawaa godhaa jiru kana keessatti deggersi keessan murteessaa dha. Isin biyya mootummoota gurguddoo kanneen mootummaa bicuu kanaaf deggersa kennuudhaan nu ficcisiisan keessa jiraattu. Biyya dimookrasiin dagaage keessa jiraattu. Isin biyya mediyaan addunyaa gurguddoon jiran keessa waan jirtaniif roorroo nurra ga’aa jiru akka ukkaamamee hin hafne gochuu dandeessu. Isin afaan faranjootaa kanas waan beektaniif rakkoo keenya, gaaffilee keenya, roorroo nurratti guyyuu raawwatamaa jiru afaan isaaniif galuun itti nuuf himuu dandeessu. Isin biyya social mediyaan babal’ate waan jiratniif, dararama nurra ga’aa jiru adduunyaa maratti facaasuu dandeessu. Walumaagalatti, qabeenyaan, ogummaadhaan, beekumsaan, waan dandeessaniin nu bira dhaabbachuuf waanti isin daangessu hin jiru. Kanaafuu, Dargaggoonni Oromoo bara darbe 2014 keessaa magaalaa MN, US keessatti ala bulanii ooluun mirga Oromoof jecha FDG cinaa dhabbachuu isaanii muldhisanii jiru,Ummanni eenya golee aduunyaa jiraatu cufa keessaa tokkummaan ka’ee hiriira bahuu fi gumaacha irraa barbaachisu gochuun qabsoo biyya keessaa obbolaan keessanii fi maatiin keessan deemsisaa jiraniif deggersa hiriyyaa hin qabne muldhisanii jiru,ammas muldhisaa jiru. Egaan isinis akkuma amma jalqabdan kanaan akka jabeessitanii itti nuu fuftan dhaammachaa, dalagaa boonsaa guyyoota sadan darban dalagdaniif galanni keessan bilisummaa saba keessanii akka ta’u hawwina.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee, Oromiyaa irraa

No comments:

Post a Comment