
Jaallan qabsoof wareega kafalani bara lubbuun jiranitti gaaraa fi hallayyaa qaxxaamuruun beelaa fi dheebuun hagabuun aarsaa jabaa kafalaa hamman akka qabsaawan yaadachuuf jecha,magaalaa karaa sa’aa dheeraa deemuun gaara dadhabsiisaa ta’e miillaan qaxxamuruun Jaallan hammam daddabbii qabsoo Oromoof kafalaa akka turan ittiin yaadataa oolan.
Keessattuu shamarran Oromoo dadhabbii fi nuffaa tokko malee fakkii uccuu WBO dhufachuun waraana bilisummaa Oromoo fakkaatanii alabaa Oromoo baadhachuun gaarreenii fi hallayyaa qaxxamuranii yaadatnoo godhan keessatti,uummata jiraataa naannichaa qalbii harkisuun eenyummaa Oromoo fi wareega gootonni baasaniifii barsiisaa oolanii jiru.
No comments:
Post a Comment