Thursday, November 26, 2015

Walgahiin Dachee Oromiyaa Qubattoota Alagaaf Laachuuf Akeekkate Mormii Ummataan Fashale

sayno

(SBO – SADAASA 25, 2015)Ummata Oromoo ifaa fi tooftaa dhoksaatiin lafa isaa irraa buqqisuudhaan alagoota Kaaba irraa dhufanii fi warreen alaa sirna isaaf meeshaa tahaniif hiraa kan jiru mootummaan abbaa irree wayyaanee jidduu kanas naannawa Finfinneetii lafa Oromoo qubattootni saba Amaaraa akka qircataniif shirri xaxe mormiin ummataa isa mudate.
Walgahii Kiibxata dabre, Sadaasa 24 bara 2015 magaalaa naannawa Finfinnee, Laga Xaaxoo –  Laga Daadhiitti ergamtoonni wayyaanee gaggeessan irratti Naannoo Amaaraatti lafti waan itti dhiphateef bakki qubsumaa Oromiyaa irraa haa kennamuuf jechuudhaan dachee Oromiyaa qubattoota saba Amaaraaf laachuuf yaaliin taasifamee jira.
Jiraataan naannichaa haalicha itti dhiheenyaan quba qaban akka SBOf ibsanitti, qondaala wayyaanee kan sadarkaa naannoo lammummaan Amaara irraa tahe walgahii ummataa Sadaasa 24 gaggeeffame kana irratti ummanni Amaaraa waan dacheen itti dhiphateef lafti Oromiyaa irraa akka kennamuuf wayta yaada dhiheessetti ummata waltajjicha irratti hirmaate irraa mormiin jabaan waan isa mudateef karoorichi fudhatama dhabuu jiraataan naannichaa kun nuuf himaniiru.


Ergamaan wayyaanee kun aangoo qabutti dhimma bahee Oromoota lafa isaanii irraa buqqisee qubattoota Amaaraa qomoo isaa tahaniif laachuuf yaada kana ummatatti dhiyeesse kan nuun jedhe jiraataan naannichaa, namni kun qondaala sadarkaa naannoo tahee waan mootummaan Federaalaa murteessuu qabu ummatatti gadi buusuun isaa waan lama of keessaa qaba jedhe. Innis tokkoffaan Ummanni Oromoo dacheen isaa alagootaaf raabsamuu irratti ejjennoo yookan mormii akkamii qaba isa jedhu yaada kanaan tuqee ilaaluu yoo tahu, inni biraan ammoo kallattiidhaan mootummaadhuma olii irraa ajaja fudhatee Oromoo dachee irraa buqqisuu fi alagoota dhuunfachiisuuf hojjechaa jiraachuu isaa ifatti agarsiisa jedhan.

Naannawa Laga Xaaxoo – Laga Daadhiitti gamoowwan ijaaraman kan Habashoota Kaaba irraa dhufuun qubatanii tahuu kan nuuf himan jiraataan naannichaa haasofsiisne, ummanni Oromoo garuu jireenya gadadoo keessatti argama jedhan.

Habashoonni diina jala fiigaa jiran kunneen kanaanuu quufuu dhabanii dachee Oromiyaa Amaara irra qubsiisna kan jedhu yaaduun isaanii ummaticha haalaan mufachiisuus dubbataniiru. Walgahicha irratti kan hirmaate ummanni Oromoo jiraataa naannichaa tahe yaada ergamaan wayyaanee Kaaba irraa tahe kun dhiheessetti hedduu dallanuudhaan, “Yoo yaada dachee keenya irraa nu buqqistanii, Habashoota qubsiisuun sagantaa keessan tahee fi yaalii akkasiitiin nutti deemaa jirtu tahe, waan dachee keenya irraa qabdan xaxadhaatii biyya keessanitti nu irraa galaa.” jechuudhaan dallansuu qaban ibsachuu isaanii ifa godhan.

Murtii walgeettiin dabballoota wayyaanee maqaaf Caffee Oromiyaa jedhu dabarse, kan magaalonni walitti dabalamuu ilaalchisee ofii murteeffachuu danda’u ykn REFERENDUM gaggeeffatu jedhu ilaalchisees jiraataan Laga Xaafoo Laga Daadhii kun SBOf yaada isaa kenneera. Akka inni jedhutti kan wayta ammaa kana heddumminaan magaalota naannawa Finfinnee keessa jiran keessa qubsiifamaa jiran alagoota keessumaa Habashoota Kaaba irraa Oromiyaatti godaansifaman waan taheef Oromoon waa’ee dachee isaa, afaanii fi aadaa akkasumas hegeree biyya isaa irratti murteeffachuudhaaf sagalee waakatama; fedhii alagaatu murtaawa jedhe.

Kuni tahuun ammoo akkuma amma qondaalli wayyaanee dhalataa saba Amaaraa tahe kun yaade, Oromoo buqqisanii Habashoota Oromiyaa irra qubsiisuufis tahe afaan hojii naannichaa Afaan Oromoo irraa gara Afaan Amaaraatti jijjiiruuf kan sagalee qabaatee murteessu qubattootuma heddumminaan Oromiyaa keessa jiran kana tahu; kun ammo Ummata Oromoo fi Oromiyaaf balaa guddaa tahuu ibseera.

Ergamtichi wayyaanee Dhaabaa Dabalee haasawa jidduu kana waa’ee babal’ina magaalota Oromiyaa ilaalchisee taasiseen magaalotni kunneen akka kan USA babal’atu, guddina waloo tarkaanfachiisna jechaa turuu fi guddina dijiitii lamaa wayyaneen lallabu ilaalchisee yaada kan nuuf laate jiraataan Laga Xaafoo Laga Daadhii kun, karoorri baanamu kun akkuma argaa jirru duubni isaa dachee Oromoo qircuu fi alagoota irra qubsiisuu dha erga jedhee booda, wayta hiyyummaa fi beelli ija baasee ummata keenya fixaa jiruttis olola dharaa kana lallabuun dabballota OPDO hammam ummata Oromoof akka diinummaa qaban mul’isa jedheera.

Jiraataan naannichaa walgahii shiraa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti gaggeeffame ilaalchisuudhaan SBOf yaada laate maayii irrattis, rakkoo diinnii fi ergamtoonni diinaa nutti asiin deemaa jiran kana furuudhaaf karoora shiraa wayyaaneen qopheessee bifa adda addaatiin Oromootti baasu mormaa fi fashalsaa, rakkinicha hundee irraa furuudhaaf ummanni Oromoo bakka jiru maraa tokkummaadhaan ejjennoo jabaan mirga hiree murteeffannaa isaa dhugoomfachuuf qabsaawuu qaba jedhe.

No comments:

Post a Comment