Saturday, May 23, 2015

Engineer Girmaa Xurunee fi Dr. Aduunya Boggaalee Dabalatee dargaggoonni Oromoo 4 Loltoota Wayyaaneen Mana Jireenyaan Weeraramuun Ukkaamfama

cropped-qeerroo-edit

Dargaggoota Qaroo Hawaasaa Hidhuun,Ukkaamsuun Mootummaan Abbaa Irree Aangoo Irratti Hin Hambisu.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 22, 2015 Finfinnee

Engineer Girmaa Xurunee fi Dr,Aduunya Boggaalee Dabalatee dargaggoonni Oromoo 4 Loltoota Wayyaaneen Mana Jireenyaan Weeraramuun Ukkaamfaman.

Eng. Girmaa Xurunaa
Eng. Girmaa Xurunaa
Oromoota qaroo sabaa ta’anii fi kanneen sabboonummaan kuulaman barbaaduun adamsee ukkaamsuu kan itti fufe mootummaan Wayyaanee /EPRDF gaafa Caamsaa 22,2015  kutaa magaalaa Finfinnaa naannoo Gullallee Madaanalem jedhamutti humna waraana guddaa bobbaasuun dargaggoota Oromoo qaroo ta’an afur (4) mana jireenya isaanii keessaa ukkaamsee deemuu fi qabeenya qaban maras saamuun konkolaataa loltuun fa’atee deeemee jira.
Kanneen seeraan ala Ukkaamfaman kunis
  1. Injiner Girmaa Xurunaa
  2. Dr. Aduunyaa Boggaalee, Yuniversitii qonnaa Baakkoo irraa kan barsiisu.
  3. Dubree Kumasii Xurunaa umurii 19 fi barattuu preparatory Waggaa 1ffaa mana barumsaa Gullallee Madaanalem./Obboleettii Injiner Girmaa
  4. Leencoo Addunyaa, Umuriin wagga 27 kan ta’e barataa.
Akka ta’an beekamee jira. Injiner Girmaa Xumurnaa ammaan duras yeroo adda addaatti kan hidhamaa ture yeroo ta’u, Ebla 2011 irraa hamma 2013 mana hidhaa Ma’ikelaawwii keessaatti hidhamee dararaan suukkanneessaa kan irra gahaa ture ta’uun beekama.
Mootummaan Wayyaanee EPRDF yeroo kufaatiin isaa dhihaate kanatti tokkummaa fi gamtaan Oromoonni qaban doomsuuf dargaggoota qaroo hawaasaa ta’an ajjeessuu,hidhuu,ukkaamsuu fi reebichaan qorqalbii cabsuun tooftaa siyaasaa godatee ittiin of masakuun daran abbaa irrummaa isaa beeksifataa waan jiruuf jecha,godhchaan isaa kun uummata Oromoos ta’e dargaggoota Oromoo tokko illee gaaffii abbaa biyyummaa irraa duubatti akka hin deebifne Qeerroon Bilisummaa beeksisa.
Ummmanni Oromoo mirgaa fi dimokraasii jireenya isaaf wabii godhachuuf barbaada kan kana hin galleef mootummaan Wayyaanee EPRDF  faallaa dimokraasii yaadu iyyuu warraaqsi mirgaa fi bilisummaaf Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasisu ammo dacha dachaan itti fufa jechuun qaamni hoggana Qeerroo mirkaneessa.
Ka’i Qeerroo
Qabsoon Hamma Bilisummaa fi Walabummaatti Itti Fufa!
Caamsaa 22,2015
Finfinnee

No comments:

Post a Comment